Godina Harargee Keessatti Weerarri Hawaannisaa Ka’uun Ibsame

  • VOA

Godina Harargee Bahaa aanaalee afur keessatti weerarri Hawwaannisaa Ka’uu isaa godinichi beeksisee jira. Weerara kana to’achuufis carraaqqii gochaa jiraachuu ibse.

Hanga ammaatti oomisha hektara kuma tokkoo fi dhibba tokkoo fi torbaatamii shan irra jiru guutummaatti kan mancaase yoo ta’u hawaannisichi lafa hektaara kuma kudha torbaa fi dhibba shan irra buufatee akka jiru waajjirri qajeelfama qonnaaf qabeenya uumamaa ibsee jira. Addis Chekoltu gabaase.

Your browser doesn’t support HTML5

Godina Harargee Keessatti Weerarri Hawaannisaa Ka’uun Ibsame