Amerikaa Bakka Adda Addaatti Filannoon Gaggeeffamaa Jira

  • VOA

As Yunaaytid isteetes keessatti Kibxata har’a filannoon ijoon bakka adda addaatti gageeffamaa jira. Prezidaant Traamp kaadhimamaa Ripaablikaanotaaf duula filannoo gaggeessaa jiru.

Kunis filannoo bara dhufu prezidaantii filuuf gaggeeffamuuf Traamp deebi’anii filatamuuf akkasumas mana marii fi seeneeta Yunaaytid Isteetes keessatti Ripaablikaanonni lakkobsaan akka harka caalan gochuuf ta’uun beekameera.

Traamp sagalee uummataa kennamaa jiruun simannaa dhabaa yeroo jiran kanatti aangoo irraa kaafamuuf qorannaan akka irratti gaggeeffamu Waashington keessatti irratti muramee jira.

Traamp duula filmaataa kana Kentakii keessatti gaggeessaa kan jiran yoo ta’u Ripaablikaanticha Matt Bevin kan deggeraa amanamaa Traamp ta’antu dorgomaa jira.

Kunis Demookraaticha abbaa alangaa kutaa Sanaa Andy Beshear ilma bulchaa Kentaakii duraanii wajjiin wal dorgomu.