Sidaamaa Keessatti Uuummata Sagalee Kennu Galmeessuun Kamiisa Borii jalqabama: Bordii Filannoo

  • VOA

Faayilii - dargaggoota Sidaamaa Adooleessa 17, 2019 Sidaamaan naannoo of dada'ee akka ta'u marii geggeessaa turan

Mgaala Hawaasaa fi aanaalee Sidaamaa hunda keessatti dulli filmaataa kaleessa jalqabame har’as itti fufee jira.Bordiin Filannoo har’a akka beeksiseetti hojiin kanneen sagalee kennan galmeessuu bor Sadaasa 07 bara 2019 jalqabama.

Wirtulee sagalee itti kennan kan magaalaa Hawaasaa fi naannoo isheetti wanni galmeessuuf barbaachisu martii dhaqqabuu wal-taasiftoonni ibsanii jiru.

Sidaamaan bulchiinsa naannoo of-dandeessa gochuuf sagalee kan danda’u nama umriin 18 ykn sana kan caaluu, jiraataa Hawaasaa fi godina Sidaamaa kan ta’ee fi waraqaa eenyummaa kan qabu ta’u ibsamee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Sidaamaa Keessatti Uuummata Sagalee Kennu Galmeessuun Kamiisa Borii jalqabama: Bordii Filannoo