Hong Koong Keessatti Hiriirri Geggeeffame

  • VOA

Hiriira deggertoota dimookiraasii har’a otuu hin eegamiin Hong Koong keessatti deebi’ee futtaf’e irratti dhukaasa poolisiin baneen, hiriirtota keessaa tokko haleelamee jabaa madaa’uun himamee jira.

Viidiyoon waraabame akka agarsiisutti, poolisiin hiriirtota huccuu adii uffatanii fuula aguuggatan keessaa tokko qabuuf yaalii godheen, shugguxxii itti baafate. Achii booda, hiriirtota kessaa namni ka biraan uffata gurraacha uffate ennaa gara isaaniitti hiiqu itti dhukaasee madeesse jedhama.

Waajirri polisii Hong Koongis, hiriirtota keessaa nam-tokko rasaasaan haleelamuu mirkaneessee jira. Namni madaa’u sun haala lubbuu isaaf sodaachisu irraa akka jiru dubbatan – maddeen Hospitaalaa immoo.

Hiriirichi duraan baatiilee shaniif biyyattii daangaa Chaayinaa keessatti argamtu laashessee ture, Sanbata fi Dilbata deebi’ee futtaf’ee, Wixata har’aattiyuu cehee ennaa jiru kanatti gochaan dhukaasa kun dhaga’ame.