Rakkoolee Uumaman Mootummaa Cina Hiriiruun Hiikuuf Yaaluun Nageenya Uummata Maraaf Barbaachisaa Dha: Profeeser Mararaa Guddinaa

  • Tuujubee Horaa

Hoggantonni partiilee Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti sosso'anii yeroo ibsa kennan, Sadaasa 15, 2019, Waajjira Muummee Ministiraa Itoophiyaa, Finfinnee

Uummata Oromoo fi Amaaraa walitti buusuuf sochiiwwan geggeeffaman waliin ta’anii ittisuuf naannolee kana keessa kanneen socho’an paartileen siyaasaa torba walii galtee irra ga’uu isaanii beeksisanii jiru.

Paartileen Kun Yuniversitiilee fi naannolee adda addaa keessatti walitti bu’iinsaaawwan uumaman illee gamtaan furmaata itti kennuun mala danad’amu irratti mari’ataniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Rakkoolee Uumaman Mootummaa Cina Hiriiruun Hiikuuf Yaaluun Nageenya Uummata Maraaf Barbaachisaa Dha: Profeeser Mararaa Guddinaa

Uummanni Oromoo fi Amaaraa jijjiirama kana keessatti qooda kan qabaatanii fi amma uummata lamaan walitti buusuuf sochiiwwan geggeeffamaa jiru wal taanee ittisuuf paartileen kun walii galuu isaanii dubbataniiru.

Ibsa Partiilee Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa

Keessumaa mooraalee Yuniversitii keessatti walitti bu’iinsa uumaman hatattamaan dhaabsisuun haala danda’amu irratti mootummaan tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu gaafatanii uummata ofiif illee waamicha dabarsaniiru.