Deemsi sagalee-kenninsaa Filannoo Giinii Bisaawu Sirna-qabeessa Tahuu Hogganaan Taajjabdootaa Dubbatan

  • VOA

Pirezdaantii Giinii Bisaawu sagalee kennuuf buufata filanootti yeroo argaman

Deemsi sagalee-kenninsaa filannoo Prezidaantummaa Giinii Bisaawu, nagaa, tasgabbaawaa fi sirna-qabeessa tahuu hoogganaan garee taajjabdoota sadarkaa addunyaa, ka biyyoota Afaan Faransaay dubbatanii – Oldemiiroo Baalo’ii  dubbatanii jiran.

Biyyattiin Afrikaa gama Lixaatti argamtu – Giinii Bisaawu, eega waggaa 45 koloneeffafnnaa warra Poortugaal jalaa baatee as, takkaallee tasgabbii siyaasaa argattee hin beektu.

Kan bulchiisa prezidaantummaa marsaa lammataaf dorgoman – prezidaant Hoosee Maariyoo Vaaz, prezidaantii yeroo jaqabaatiif yeroo bulchiisa isaanii guutummaatti tajaajilamii marsaa lammataaf ga’an – jedhama.

Dorgomaan ijoon prezidaantichaa – Muummichi-ministaraa duraanii – Doomingoos Simoo’is Peree’iraa, ministaroota muummee 6 Prezidaantichi yeroo bulchiisa isaaniitti taayitaa irraa hari’atan keessaa tokko.