Dargaggoota Barnoota Sadarkaa Ol’aanaa Irraa Eebbifamanii Hojii Balfa Kaasuun Jireenya Jalqaban

Your browser doesn’t support HTML5

Dargaggoota sadii ta'uun tajaajila balfa goggogaa magaalaa Amboo keessaaa kaasuu eegaluu isaanii dubbatu.

Isaan keessaa tokko Yunivarsiitii irraa, kaan immoo koolejii irraa dhiheenyaa eebbifamuu Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himan. Erga hojii kana eegalanii baatii tokko qofa tahus haga ammaatti maammiloota 500n horannee jirra, jedhu – dargaggoonni kun.

Gara fuulduraattis, warshaa balfa gara xaa'oo uumamaatti geddaru banuuf yaada qabaachuu isaanii dubbatu.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Dargaggoota Barnoota Sadarkaa Ol’aanaa Irraa Eebbifamanii Hojii Balfa Kaasuun Jireenya Jalqaban