ABO-n Hoggansii fi Miseensonni Isaa Hidamuu Beeksise

Addi Bilisumma Oromoo Hoggansi isaa olaanoon sagal miseensota dabalatee qaama nageenyaan tohanna jala ooluu isaani beeksise.

Dubbi himaan Adda Bilisumma Oromoo Obbo Toleera Adabaa VOAf akka humanitti Miseensita Hojii Raawwachiistuu dhaabichaa Obbo Mikaa'el Booranii fi Obbo Abdii Raggasaa, Miseensa Koree Gumii Sabaa Obbo Kennasaa Ayyanaa, Gorsaa Olaana Dhimma Diplomaasi dhaabichaa Dr. Shuggux Galataa, Gorsaa Olaana Dhimma Dinagdee dhaabichaa Obbo Yaddi Abdushakuur faan akka keessatti argaman ibsamee jira.

Miseensota ABO tohataman jedhaman kaneen qaama Mootumma irra mirkaneeffachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne, Komishiiniin Poolisii Oromiyaafi Kounikeeshiniin Mootumma Naannichaa dhimma kanaan wal qabatee odeffanno kan hin qabne ta'uu dubbatan.

Kutaan Sab- Qunnamtii Poolisii Federaala dhimmicha haaluus ta'ee mirkannessuf hin barbaanne, miseensi kutichaa VOAn dubbises

hoggana Olaana irra haga hayyama argatanitti dhimmicha irratti ibsi kennu akka hin dandeenye VOAf ibsanii jiru