Hoogganoonni Ameerikaa daldalaawwan Sababaa Uggura Ittisa Vaayiresii Koronaan Galiin Duraa Miidhame HIrphuuf Walii Galtee Irra Gahan

  • VOA

Hoogganoonni Yunaayitid Isteetis, hojjetootaa fi dhabbatoota hojii yokaan daldalaa sababaa uggura of irraa ittisa Vayiraaresiitiin galiin isaanii miidhame hirphuuf jecha, baajeta maallaqaa doolaara triiliyoona lama baasuuf, har’a walii-galtee irra gahanii jiru.

Wixineen walii-galtee baasii maallaqaa kun har’a ganama akka bahe kan eegamu yoo tahu, itti aanee immoo Senetii yokaan Mana-maree Murtii-seeraa Yunaayitid Isteetisiin ilaalamee akka raggaasisamu kan itti dabarsamu tahuu tu himame. Yoo Manni maree murtii seeraa baasii maallaqichaa raggaasise, gara Mana-maree Bakka-bu’oota Uummataatti deebisama.

Hoogganaan Paartii Sagalee irra-jireessaa Chak Shuumer, waa’ee seerichaa ennaa dubbatan, “seerichi waan hundaan guutuu dha jechuu irraa fagoo dha,” jedhanii, garuu marii guyyoota hedduutiin yoo fooyyehe, akka dafee mirkaneessamu dubbatan.