Itiyoophiyaa Keessaa kanneen Waaqa Kadhatan Koronaan Hammaatu Iyyuu Wal Ga’ii Gurguddaa Geggeessuu Dhaabuuf Tole Hin Jedhin Hafan

  • VOA

Jalqaba torban kanaa mootummaan Itiyoophiyaa humnootiin nagaa eegsisan faca’ina vaayiresii Koronaa ittisuuf wal ga’iilee gurguddaa akka ugguran ajajamanii jiru.

Itiyoophiyaa keessaa hanga ammaatti namoonni 12 vaayiresichaan yoo qabaman namni du’e hin jiru, angawoonnis haalli jiru utuu hin hammaatiin akkasitti akka itti fufu barbaadu.

Garuu ennaa gareeleen amantii wal ga’ii isaanii itti fufanii jiran kanatti ajaja kana hojii irra oolchuun rakkisaa dha, akka hoogganoonni amantii jedhanitti balaa vaayiresiin kun fidu akka salphaatti ilaalaamaa jira.