Afrikaan Vaayrasii Koronaa Ittisuuf Qophiin Goote Xinnaa Dha: Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa

  • VOA

Asxaa Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa, Geneevaa

Afrikaan dhukkuba Vaayiresii Koronaa of irraa ittisuuf qophiin ishee xiqqaa tahuu dubbata, Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa – WHOn. Haalli jireenyaa Afrikaa, dudhaa fi aadaan wal-quunnamtii arditii keessaa, akka hamaatti artii balaa dhukkuba kanaaf saaxiluu akka danda’u hubachiisa – Jaarmayichi.

Haalli dinagdee Addunyaa sababaa dhukkubichaan kan gad sigiigaaataa jiru yoo tahu, akka WHOn jedhutti, dinagdeen Afrikaas daafoo dhibee kanaan akka miidhamtu beekamaa dha.

Lammiwwan Itiyoophiyaa dabalatee, lammiwwan Afrikaa magaalaalee fi handaara magaalaalee jiraatan baay’een isaanii kanneen guyyaa-guyyaatti hojjetanii ofii fi maatii isaanii jiraachisan. Kanaaf, hojii dhaabanii, yeroo dheeraaf mana turuun namoota akkanaaf baay’ee ulfaataa akka tahe dubbatu – beektonni.