Tola-ooltota Yeroo Muddamaatti Lammiif Birmatan 

Tola-ooltota Yeroo Muddamaatti Lammiif Birmatan 

Dooktoor Olaanaa Tarrafaa jedhama. Barataa Fayyaa Yunivarsiitii Wallaggaa Waggaa Shanaffaa ti. Yeroo Weerarri Koronaa yaaddoo Addunyaafi Itoophiyaa tahe kanatti tola ooltummaan bakka dhalootasaatti deebi’ee haala ittiin dhibee Kooviidoo-19 dursanii ittisan irratti hawaasa Godina Wallagga Bahaa Aanaa Eebantuuf hubannoo kennaa jiraachuusaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himeera.

Oduudhuma wal fakkaatuun, Shamarree Badhaadhii Shantamaa ammoo Jiraattuu magaalaa Finfinnee yoo taatu, yeroo weerara Kooroonaa kanaan hawaasni manaa bahuu rakkatutti, namootni galiin isaanii gadi aanaa tahe rakkatuu malu, jechuun, magaalaa Ambootti namoota 50f birrii kuma lama lama dhuunfaan kennuun, waliigalatti birrii kuma 100 gumaachitee jirti.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Tola-ooltota Yeroo Muddamaatti Lammiif Birmatan