Vaayiresii koronaa Ittisuuf Jecha Itiyoophiyaan Labsii Yeroo Hatattamaa Labsite

  • VOA

Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed ibsa har’a kennaniin faca’ina vaayiresii koronaa dhaabuuf tarkaanfii mootummaan isaanii fudhatu labsanii jidran.

Muummichi ministeerichaa akka jedhanitti akkaataa weeraraa fi faca’ina vaayiresii kanaa yaada keessa galchuu dhaan mootummaan Itiyoophiyaa labsii yeroo hatattamaa labse.

Biyya keenyaaf dhaloota oolchuuf jecha tarkaanfii cimaa kana caalu fudhachuun keenya ifaa ta’uu qaba jedhan.