Speen Hanga Tokko Foyyee Qabdi

  • VOA

Sababaa uggura koronaan Speen keessatti namnii akka manaa hin bane eega dhorkamee baatii tokko guutee jira.

Ugguura kana amma xiqqoo laaffisuun hojjattoota omishaa fi ijaarsaa akka hojii seenan ta'eera.

Vaayrasichii amma iyyu faca'uu mala sodaan jedhu waan jiruuf jecha kaampaanileen hojjattoota kanaaf waan dhukkubicha irraa isaan ittisuu akka guutaniif akkasumas wal irraa fagaachuun akka hojjatan gochuu qaba jedhameera.

Speen keessatti namnii 165,000 kan qabaman yoo ta'u 17,000 du'aniiru.

Dhukkubnii kun lubbuu namaa galaafachuu qofa otoo hin taanee dinagdee fijireenya hawaasummaa rakkoo keessa buuse jedhan mummichi ministeera biyyatti Pedroo Saancheez.