Naannoon Tigraay Nama Vaayiresii Koronaa Qabu Adda Baasuuf Hojii Jalqabe

  • VOA

Naannoo Tigraay keessaa kaleessaa jalqabee vaayiresii koronaa ittisuuf jecha manaa mana irra deemuu dhaan hojii addaan baasuu jalqabamee jira.

Itti aaanaa perzidaantiin naannoo Tigraay Dr. D/Tsion G/Mikaa’el ibsa gaazixeessotaaf kennaniin mana irra naanna’anii hordoffii kana geggeessuun haalli weerara kanaa hagam akka ta’e hubachuuf hedduu gumaacha jedhan.

Itti aanaa prezidaantichi akka jedhanitti koronaa ittisuu sochii godhamu keessatti hidhamtoonni dhalattoota Tigraay hidhaa dhaa gad dhiisamuu qbu jedhan. Dhimma hidhamtootaa iaalchisee angawoota federaalaa sadarkaa ol aanaa biraa deebii argachuuf yaaliin irra deddeebi’uun godhe hin milkoofne jedha Mulugeta Atsbeha Mekele irraa.