Biyyoonni Tarkaanfii Vaayiresii Koronaa Ilaalchisuun Fudhatan Laaffisuun Balaa Qaba: WHO

  • VOA

Dr. Takeshi Kasai

Biyyoonni yoo ajaja manaa akka hin bane ittisuuf kaa’ame laaffisuuf hatattamaan tarkaanfii fudhatu ta’e faca’innni vaairesii koronaa deebi’ee akka ka’u godhu jechuu dhaan angawoonni jarmayaa fayyaa addunyaa akeekkachiisan.

Yeroon kun yeroo itti dagannu miti. Fuula duratti attamiin jiraachuu akka dandeenyu mala dha’uuf of qopheessuu qabna jechuu dhaan Pasific gama dhiyaatti daayirkterr WHO ,” Dr. Takeshi Kasai, ibsaniiru.

Ergaan of eeggannoo kun kan dhaga’me ennaa mootummoonni naanoo addunyaa attamiin tarkaanfii faca’ina vaayiresii koronaa kan baatii afuriif jireenya addunyaa danqe dhabsisuuf fudhatan laaffisuuf itti yaadaa jiranitti.