Talibaan Waliin Walii Galtee Ameerikaan Mallatteessitus Du’uun Siiviilotaa Itti Fufe

  • VOA

(Suuraa faayilii)

Hookkarri akka dhaabatuuf Yunaayitid Isteetisii fi Taliban gidduutti mallatteessamu iyyuu du’i siviilotaa heddumminaan itti fufuu dhaan nuusa wagga bara 2020tti namoonni 500 du’uu isaanii gabaasi tokkummaa mootummootaa kan har’a ba’e beeksiseera.

Baatii sadan jalqaba wagga kanaa ijoolleen 150 yoo du’an dhibbaan kan laka’aman madaa’uu isaanii gurmuun tokkumma mootummootaa kan Afganistaan keessaa beeksiseera.

Gurumuu sana kan hoogganan Debraa Liyoons akka jedhanitti ergaa muummichi barreessaan dsbarsan simachuu dhaan gareeleen martinuu diina hundumaa isa ta’e weerara COVID -19tti haa duullu jechuun gaafataniiru.