Paartiin Bulchiinsa Nannoo Tigraay Bulchu Guyyaa Bordiin Filannoo Kennee Ture Sanatti  Filannoo Gaggeessuuf ka jiru ta'u Beeksisee

  • VOA

(Suuraa faayilii)

Paartiin Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) filannoo gaggeesuuf fedhi qabu irra deebi'uun ejjennaa isaa beeksisee jira.

Paartileen mormituu Tigraay keessa jiran garu amma yeroo waa'ee filannoo dubbatamuu otoo hin taanee ilaalchii duraa dhukkuba Kooviid-19 hanqisuu irratti hojjachuutu barbaachisa jechuu isaanii Muluugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaasee jira.