Caamsaa Sadii Guyyaa Walabummaa Preesii Adduyaa

  • VOA

Guyyaan walabummaa preesii ka baranaa Mata dureen ittiin kabajamu "Gazexxessummaa Sodaa fi Carraa of-keessaa qabu" jedha.

Waggootii lamaan darbaniif Itiyoophiyaan walabummaa preesii argaamsisuuf yaalii ta'u deggertee jirti.

Gaazexxessonni hidhaman gadhiifamanii, marsariitiin ugguramanii turan banamanii Gazeexxessonni fi midiyaan biyya alaatti dheessanii turan biyyatti deebi'an.

Kunis haallii Itiyoophiyaa keessaabanamaa waan adeemeef ture.Ta'uus garu midiyaan Itiyoophiyaa keessa jiran amma iyyu danqaan isaan mudatee jira.

Dandeettii oogumaa kan Gazexxessummaa deggeru hanqachuun,carraa itti odeeffannoo argatan dhabamuun, midiyaan jiran ajandaa ofii qaban tarkaanfachisuuf oolchuun akkasumas immoo yaaddoo haaraan dhufaa jiru tooftaa cunqursaa isa durii mul'ataa dhufuun rakkolee amma mudataa jiran ta'uun ibsamaa jira.

Kana irratti gara fuula duraatti qophilee dhiyeessinu akka qabnu isin beeksiifna.