Baatii Hagayya Dhufu Filannoo Gaggeeffanna:Dr. Dabratsiyoon Gabra Mikaa'eel

  • VOA

Prezidaantii bulchiinsa naannoo Tigraay fi dura ta'aa paartii Tigraay kan ta'an Dr Dabra Tsiyoon har'a tuuta oduuf ibsa maqalee keessatti gaggeessaniin filannoof qopha'aa weera vaayrasii koroonaas facciifna jedhan.

Uummanni filuufis ta'e filatamuuf mirga waan qabuuf akkasumas mootummaa filatamee qofatu bulchuu qaba kan jedhu heera irra jira waan ta'eef gaggeesuuf jirra jedhan.

Baatii Fulbaana dhufu booda mootummaan sadarkaa kamiin iyyu irra jiru kan seeraa waan hin taaneef jecha filannoo gaggeessuu dhisuun haala hamaa uumuu mala jechuun Dr. Dabratsiyoon dubbachuu isaanii Muluugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaasee jira.