Paartileen Siyaasaa Naannoo Sidaamaa Filannoon Yeroo Biraatti Darbuu Ni Deggerra Jedhan

  • VOA

(Suuraa faayilii)

Paartileen siyaasaa godinaa Sidaamaa filannoon biyyoolessaa yeroo biraatti dabarfamuuf hiikkoo heeraa irratti bakka duwwaa uumameef gaaffii dhiyaate kan deggeran ta’uu beeksisan.

Deggersa isaanii kanneen mul’isan kun sochii walabummaa Sidaamaa, paartii tokkummaa Sidaamaa, paartii dimokraasummaa biyyoolessaa uummata Sidaamaa, paartii dimokaasummaa tokkummaa uummata Sidaamaa fi paartii badhaadhinaa godina Sidamaa ti.

Paartiin tokkummaa Sidaamaa VOAf ibsa fuula sadii qabu ergeen mootummaa fi barbaachisummaan filannoo biyyaa fi uummati inni bulchu yoo jiraate qofa jechuu dhaan filannoon akka dheeratuuf tarkaanfii boordii filannoon fudhatame ni deggerra jedha. Jechuun Yonatan Zebdiwoos gabaaseera.