Of Dagachuun COVID- 19 Akka Hammaatu Gochuu Mala: Dubbi Himtuu Hariiroo Alaa Muummicha Ministeera Itiyoopiaa

  • VOA

Lakkoobsi namoota COVID-19N qabaman Itiyoophiyaa keessaa ol ka’aa adeemuun jalqaba of dhagachuu mul’isa jechuu dhaan dubbi himtuun haiiroo alaa muummicha ministera Itiyooophiyaa dubbatan.

Dubbi himtuu kan ta’an Billenee Siyyuum ibsa har’a kennaniin akka jedhanitti lakkoobsi kun ol ka’uun kan agarsiisu balaan dhibeen kun faca’uuf jiraachuu siaaf tarkaanfii koree ministerootaan fudhatame cimsanii hojii irra oolchuun barbaachisaa dha jedhan.

Itiyoopiyaan kaleessa guyyaa tokkotti lakkoobsa namoota COVID-19n qabamanii 35 ta’uu gabaaste. Walumaa gala Itiyoophiyaa keessaa namoota 365tu vaayiresii kanaan qabaman.