Gabaan Addunyaa Har’a Mallattoo Ol Ka’uu Agarsiise

  • VOA

Biyyoonni sababaa vaayiresii koroaan cufaatti turan qalbii dhaan banamuu jalqabuun gabaan addunyaa kan Asiaa har’aa akka ol ka’u godhee jira.

Gabaan Tookiyoo keessaa dhibba irraa harka 2.5n yoo ol guddatu kan Hong Kong immoo dhibba irraa harka 2.1n ol guddateera. Kan Sydney harka 2.9n kan Shaangaay dhibba irraa .8, kan See’ool 1.6 fi kan Taayiwaan dhibba irraa harka 1.1 guddina agarsiisee jira.

Gabaan boboa’aas har’a kan ol ka’e yoo ta’u dhukuti boba’aa US barmeelli tokko $34.49n ol ka’ee jira.

Gama biraan gabaan addunyaa Dow Jones, S&P fi Naasdaaq martinuu dhibba irraa harka lamaan ol ka’aniiru.

Jaappaan labsii yeroo hatattamaa baatii lamaaf ture waan kaasteef jecha abdiin investerootaa illee deebi’uun ol ka’ee jira.