Weerara Vaayrasii Koronaa fi Yaaddoo

  • VOA

Addunyaa irratti weerarrii dhukkuba Koronaa mudatee qalbii nama hedduu miidhee jira.Vaayrasii kanaan namnii kan jalaa qabamee, kan jalaa du'e, kan hojii irraa ari'amee, gargaarsaaf harka mootummaa kan ilaalan kun hundumtuu yaaddoo fi dhiphiina sammuun midhamanii jiru.

Yaadii sammuu ofii dhiphachuun yeroo dabalu gorsa ykn wal'ansii ogeessaa barbaachisaa ta'uun beekamaa dha.

Gama kaaniin, akka durii Doktoora ofii bira qaamaan dhaqanii of-ilaalchisuun hin dand'amu. sababaa walitti dhiyeenyii dhorkamee jiruuf.

Kanaaf jecha ogeessonni fayyaa karaa meeshaalee teknooloojii ammayyaa adda addaa kan vidiyoo, zoom,bilbila harkaa kanneen smaart Foon jedhamaniin dhukkubsataa fageenya irraa argaa dubbisanii waan barbaachisu gochuufiin baratamaa dhufee jira.

Kana booda qaamaan Doktoora bira deemuun hin barbaachisu jedhnii kan dubbatanis ni jiran.

Gabaasaa Guutuu Caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Weerara Vaayrasii Koronaa fi Yaaddoo