Tigraay Keessatti Hiriirri Itti Fufee Jira

  • VOA

Bulchiinsa naannoo Tigraay aanaa Waajiraat magaalaa Baahirii Tsebaa keessatti kaneen jiraatan gidduu gala aanaa haa taanuu jechuun har'a yeroo afraffaaf hiriiranii jiru.

Mootummaa biraa hanga deebii argannuutti hiriira itti fuufna jedhu.

Bulchiinsa naannoo Tigraay, godiina kaaba dhiyaa keessa namoonni jiraataniis gaaffii wal fakkaataa jkan qaban yoo ta'u daandii shiree indaasilaasee fi Daddabitiin wal agarsiisuu guyyaa 11f eega cufanii booda kaleessa hogganoota waliin mari'achuun akka banamuu ta'uun ibsamee jira.

Dhimma kana irratti deebii gama aangawoota naannoo argachuuf yaaliin ta'e hin milkoofne jechuun Muluugeetaa Atsebahaa gabaasee jira.