Lammiin Ameerikaa Hidda Dhalata Afriikaa Poolisiin Erga Qabamee Yeroo Xiqqoo Booda Miidhaa Irra Ga’een Lubbuun Isaa Darbe

  • VOA

Magaalaan Yunaayitid Isteetis Minniyaapoolis, poolisoota Afuru kanneen lammii Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa to’annaa jala oolchanii fi booda irras erga poolisiin adii jilba isaan morma irra ejjetee booda du’e keessatti hirmaatan hojii dhaa ari’ee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Lammiin Ameerikaa Hidda Dhalata Afriikaa Poolisiin Erga Qabamee Yeroo Xiqqoo Booda Miidhaa Irra Ga’een Lubbuun Isaa Darbe

Namoonni dhaabatanii ilaalaa turan viidiyoo haala turee waraabuu dhaan social miidiyaa irratti maxxansan, oduun isaas battala sabaa himaa guutuu biyyattiin gabaasame.

Bulchaan Minniapooliis Jacoob Fireey ergaa tweeter maxxansaniin poolisoonni sun arfan hojii irraa kaafamuun sirrii dha jedhan.

Fireey akka jedhanitti namni kun du’uu hin qabu ture. Kan nuti argine suukaneessaa dha. Qaruma waan fudhatama hin qabaanne. Lubbuun naa kanaa nu dhiba jedhan. Sadarkaa kamiinuu waanti ani arge kun dogoggora. Ameerikaa keessatti gurraacha ta’uun adaba du’aa dhaqqabsiisuu hin qabu jedhan.