Golli Naga Eegumsaa Dhimma Laga Abbayyaa Gamtaa Afriikaaf Haa Dhiisu: Mootummaa Itiyoopiyaa

  • VOA

Ministeerri dhimmi alaa Masrii Sameeh Shoukirii golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa hidha laga Abbayyaa kan Itiyoophiyaa ilaalchisee marii Itiyoophiyaa, wixinee akka qopheessu gaafatanii jiran.

Wixineen kun biyyoonni sadan turban lama gidduutti walii galtee quubsaa irra ga’anii qofa qofaa tarkanfii fudhachuu irraa isaan ittisa jedhan.

Biyyoonni miseensota gola nga eegumsaa ta’an kudha shananuu gamtaan Afriikaa marii haaraa jalqabame kana hoogganuu isaaf deggrsa qaban ibsanii jiru. Itiyoophiyaan tokkummaan mootummootaa kana keessaa ba’ee gamtaan Afriikaa qooda hooggantummaa akka fudhatu barbaaddi jechuu dhaan xiinxalaa gameessi VOA Mohamed Elshinaawii profeesera sociolojii siyaasaa American Yuniversitii Cairo jiru Said Sadek ilaalchisuun galma akeekame bira ga’amuuf carraan jiraachuu isaa mariisiisee jira.