Naannolee Oromiyaa Keessatti Hookkarri Ka’en Lubbuun Namaa Baduutu Gabaafame

  • VOA

Faayilii - Magaala Shakkisoo, Gujii, Oromiyaa

Gareeleen hin beekamne naannoo Oromiyaa keessatti gosa addaan baasanii haleellaa oofuu isaanii kanneen irraa hafne jedhan VOAtti hiaman.

Ajjeechaa Hacaa’uu irratti raawwate booda haleellaan akkasii naannolee Oromiaa keessa jiran keessatti raawwatamaa jira jedhameera. Kanneen ijaarn argine jedhan akka jedhanitti gareen kun daldalaawwan saamuu, manneen jireenyaaf qabeenyaa gubuu irratti bobba’an jedhan.

Bulchaan godina Arsii Jamaal Aliyyuu VOAf akka ibsanitti aanaalee godina Arsii ja’a keessatti namoonni 34 ajjeefamaniiru. Haalli jiru dandeettii poolisii godinaa ol waan ta’eef humnoonni naga eegumsaa lama du’aniiru. Ajjeechaan akkasii hawaasa waliin jiraatu keessatti ta’uu hin malle, kanneen ajjeechaa kana raawwaanis to’annaa jala oolaniiru jedhan.

Dubbi himaan mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Geetaachoo Baalchaa fi kan muummicha ministeeraa Nigusuu Xilaahuun magaalaalee naannoo Oromiyaa keessatti haleellaawwan geggeessamuu murkaneessaniiru. Gareeleen hookkara kana oofan gareelee gosoota lamaa gidduutti walitti bu’iinsi akka uumamu kanneen fedhani jedhan. Mootummaanis ajjeechaa itti dabalaa ittisuuf jecha humnoota federaalaa nannoolee kanatti bobbaaseera jedhan.

Itti aanaa komiishinerri poolisii Girma Gelaan akka jedhanitti hanga ammaatti walumaa gala namoonni 156yoo du’an kanneen 145 ta’an namoota nagaa yoo ta’an 11 humnoota aga eegumsaa ti.