Lakkoobsi Addunyaa Irraa Namoota Vaayiresii Koronaan Qabamanii Ol Ka’aa Jira

  • VOA

Ennaa lakkoobsi namoota vaayiresii koronaan qabamanii akkaan heddummaataa jiru kanatti mootummaan Awstiraaliyaa biyyattii keessatti hammaataa kan dhufe hoji dhabulumaaf furmaata akka ta’uuf dandammachiisaaf kan oolu doolaara biliyoona $1.4 deggersa kan godhu ta’uu labse.

Muummichi ministeeraa Scott Morrison kamisa har’aa akka beeksisanitti mootmmaan maallaqa kana keessaa doolaara biliyoona tokko sagantaa deggersa hojjettoota daldalaawwan xixiqqoo mindaa isaanii walakkaa ol deggeruuf oola jedhan. Inni hafe miliyoonni 400 immoo hojjettoota hegeree kanneen kumaan laka’aman erga weerarri kun darbee booda dinagdee biyyattii bayyannachiisuuf jiran leejisuu dhaan muuxannoo akka horatan gochuuf oola.

Awstraaliyaa keessaa namoonni kuma 11 COVID-19n qabamuu qorannaan Yuniversitii Joon Hopikins irraa argame beeksisee jira. Vaayiresiin kun haaraa kan inni keessatti ka’e kutaa viktooriyaa gama kibbaa keessatti yoo ta’u kamisa har’aa namoonni 317 haaraan vaayiresii koronaan qabamaniiru. Walumaa gala biyyattii keessaa namoota 113tu vaayiresii kanaan qabamuun du’an.

Gama biraan Tookiyoo keessaa har’a namoonni 280 ol COVID-19n qabamuu isaanii bulchaan magaalattii Yuriikoo Koikee ibsaniiru.

Lakkoobsi kun dabaluun muummichi ministeeraaShiinzoo Abe daawwannaa tuuristoota biyya keessaa akka murtaa’u jajjabeesaniiru. Hindii keessaa namoonni miliyoona tokkotti hedaman vaayiresii koronaan yoo qabaman ministriin eegumsa fayyaa biyyattii akka gabaasetti kanneen kuma 32,700 ta’an sa’aatilee 24n darban keessa vaayiresii kanaan qabamanii jiran.