Namoonni Lakkobsaan Soddoma Ta'an Mana Maree Federeshinii Duratti Hiriiran

  • VOA

Manni Marii Federeshinii Itiyoophiyaa walgahii Sambata Boritti waamee irratti naannoo Raayyaa, Walqaayitii fi Waajiraatitti dhiittaa mirga namoomaa dhaqqabaa jira ittiin jedhaniif furmaata akka ka'uuf kanneen kaleessa hiriiran gaafatanii jiru.

Mootummaan Federaalaa filannoo seeraan alaa kan Tigraay keessaa haa dhaabsisuu, sababaa filannoon kanneen hidhaman haa hiikaman akkasumas gaaffiin eenyummaa deebii lafa hin arganneetti mootummaan Federaalaa Haa qubatu jedha dhaadannooleen qabatanii ba'an.

Koree eenyummaa walqaayit Xagadee deebisisuuf koree hundeeffame, paartii Demokraatawaa Raayyaa Raayyummaa fi paartii Waajiraat irraa kan ta'an namoota 30 ta'antuu balbala mana marii Federeshinii fuula duratti hiriire gaafachuun himameejira.

Himata kana irratti deebii kan gaafataman itti gaafatamtuun waajiira komunikeeshinii bulchiinsa naannoo Tigraay Aaddee Liyaa Kaasaa, uummanni Raayyaa fi Walqaayit miraga hiree ofii ofiin murteeffachuu qabsoo isaan argateen kan murteeffate yoo ta'u namoota xiqqoo maallaqaan bitamantu filannoo Tigraay keessaa jeequuf kana gaggeessa jechuun fudhatama dhabsiisan.

Dhiittaa mirga namoomaa Tigraay keessa jira isa jedhames, haqa irraa fagoo kan ta'e fi kanneen uummataaf tuffii qabantu nutuu si beeka jechuun jeeqamsa uumuuf shirantu kana jedha jedhan Aaddee Liyaa Kaasaa,