Matakkal Tasgabbiitti Deebi’aa Jira, Mootummaan Naannoo Benishaangul Gumuz

Faayilii - Namoota tanaan dura qehee irraa buqahan, Benishaangul Gumuz

Muummichi-ministaraa Itoophiyaa Abiyyi Ahmad, walitti bu‘iinsa godina Matakkal keessatti uumame ilaalchisee bulchitoota naannolee Benishaangul Gumuzii fi Amaaraa Wajjin mari’achuu isaanii fuula Fees-buukii isaanii irratti beeksisanii jiran.

Gama biraan, Waajjirri Dhimmoota Komunikeeshinii Naannoo Benishaangul Gumuz, walitti bu’iinsa darbee darbee mul’aatu irraan kan hafe godinaan Matakkal tasgabbiitti deebi’aa jira, jedhu.

Hoogganaan Waajjirichaa Obbo Mallasaa Bayyana, hawaasni godina Matakkal keessa jiraatu, duudhaa waliin jireenyaa isaa gabbifachaa qaaxxee kamiyyuu akka of irraa qolatu mari’anne, jedhu.

Nageenya godinichaa eegsisuufis milishaalee buleeyyii fi haaraaf leenjiin kennamuu dubbatu.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Matakkal Tasgabbiitti Deebi’aa Jira, Mootummaan Naannoo Benishaangul Gumuz