Filannoon Itiyoophiyaa Yeroo Biraatti Darbuu Hin Qabu: Dhaabilee Siyaasaa

  • VOA

Itiyoophiyaa keessatti sodaan nageenyaa fi rakkoleen jiraatan iyyu filannoon guutuu biyyaa baatii Waxabajjitti karoorfame yeroo biraatti darbuu hin qabu jechuun paartileen siyaasaa biyyatti kanneen magaala Baahir Daar keessatti walgahaan ibsanii jiru.

Dhuma torban dabree irraa walgahii gaggeeffame kana irratti rakkoo biyyattiin yeroo ammaa keessa jirtu furuuf mariin hunda hirmaachisee gaggeeffamuu fi hunduu walii wajjiin furmaata arguu akka qabu jabinaan dubbatamee jira.