Sababiin Godaansaa Walitti Bu'insaa fi Balaa Uumamaa Ta'uun Ibsame

  • VOA

Bulchiinsa naannoo Uummattoota Kibba Itiyoophiyaatti baatilee darban 6 keessatti waltti bu'iinsaa fa balaa uumamaa dhaqqabeen namnii 310,000 miidhaaf saaxilamuun ibsamee jira.

Komishinarri komiishina hoggansa hojii sodaa balaa Obbo Gaantaa Gaaromaa akka jedhanti irra hedduun kan miidhaman walitti bu'iinsaa ta'u ibsanii Godiinaalee 11 Anaawwan 45, bulchiinsa magaalaa sadii fi aanaa addaa 4 keessatti sochii lafaa, loolaa bishaanii, Caama fi laftii citee garagaluun akkasumas balaa Abiddaa dhaqqabeen kanneen manaa fi qe'ee ofii irraa godaanan jiraachuu ibsan.

Manneen kuma sagal gubachuu isaanii fi mootummaan gargaarsa dhala namaa, Bayyanachisaa fi deebisanii dhaabuuf Qarshii Miliyoona Dhibba saddeetii fi Milioona soddomii ja'a baasuu komishinarichi beeksisanii jiru.