Gaanaan Talaalii Dhukkuba Koviid-19 Ittisu Argattee Jirti

  • VOA

Talaalii dhukkuba Koviid-19 ittisuu addunyaa waliin ga'uuf Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa karoora baaseen Gaanaan har'a talaalii gosa Astraa Zaneekaa jedhamu 600,000 har'a argattee jirti.

Talaalii Yunivarsitiin Oksifoord hojjatamee kun kaampaanii biyya Hindii Seram jedhamuutu oomishe.

Talaalii kana bitee gara Gaanaatti kan erge talaalii kana addunyaa irratti waliin ga'uuf kan hojjatu dhaabata Kovaaks jakkasumas jaarmayaan fayyaa addunyaa fi gamtaa Gaavii jedhamu ta'uun beekamee jira.