Doniiwwan Danqaman Dabaree Dabarsuun Guyyaa Afuur Barbaada

  • VOA

Doniin fe'umsaa bo'oo Suwiiz ( suez Canal) keessa darbuuf ituu jettuu Doniin danqamtee turte eega Wiixata darbe baatee boota, doniiwwan torban tokkoof karaa itti darban dhabanii danqaman dabarsuuf guyyaa 4 kan fudhatu ta'u aangawoonni ibsanii jiru.

Misooma daldalaa kan ilaaleen aangawoonni Swiiz Kaanaal fi Tokkummaan Mootummootaa xiinxala gaggeessan irratti ture guyyaan 4 akka barbaachiisu kan ibsame.

Kiibxata har'a Doniiwwan 140tu darba jedhamee eegama.Doniin fe'umsaa dheeriin meetra 400 qabdu Bitooteessa 23 bara 2021 bubbee qilleensaattu akka dalga naannooftu gochuun karaa ittiin darban cufee ture