Jerusaaleem fi Gaazaa Keessatti Halkan Edaa Rookkeettii fi Haleellaan Haalo Ba’iinsaa Samii Irraan Irratti Raawwatame 

  • VOA

Haleellaa finxaaleyyiiin Faalisxiin Gaazaa irraa wali irraa utuu hin kutin gara Yerusaalemitti furguggisan Israa’el biraa haleellaan samii irraanii isa mudatee jira.

Gaazaa keessaa yoo xiqqaate namoonni 22 haleellaa samii irraan Israa’el raawwatteen du’aniiru. Dubbi himaan waraana Israa’el akka jedhanitti naannolee Hamaas to’ate kanneen dhibbaaan laka’aman dabalatee qindeessitoonni Hamaasii fi Jihaada Islaamummaa 15 haleellaa samii irraan geggeessame kanaan du’aniiru.

Ibsi waraana biraa kenname akka ibsutti lammiiwwan Israa’el ja’a haleellaa rookkeettii sanaan balaan madaa’uu irra ga’ee jira.

Kibxata har’aa ganama barii haleellaan gegeessame kun, yoo xiqqaate namoonni 20 du’anii ijoollee sagad dabalatee du’anii sa’aatilee hanga tokko booda. Haleellaan samii irraan raawwatame kun rookkeettiiwwan 150 Gaazaa irraa gara Jerusaalemitti furguggifameef deebii kennuuf jecha.