Tokkummaan Mootummootaa Waraanni Gargaarsa Namoomaa Tigraay Keessaa Danquu Isaa Mirkaneesse  

  • VOA

Konkolaattota Tokkummaa mootummootaa, Tigraay naannoo Aguwaalaa, Caamsaa 8, 2021

Tokkummaan mootummootaa, humnootiin waraanaa gargaarsa Namoomaa kutaalee Tigraay keessaa danquu isaanii mirkaneessee jira. Gamtaan Awrooppaa irra deddeebi’uu dhaan gargaarsa namoomaaf naannolee maraaf daandiin akka saaqamu akkasumas loltoonni Eerraa battala gamasii akka ba’an gaafataa ture.

Angawoonni Itiyoopiyaa lamaanuu raawwachuuf waadaa ennaa seenan, dhugaan lafa jiru garuu danqaan humnootii waraanaan raawwatamu bakka rakkoon namoomaa sadarkaa hamaa irra jiru dandeettii gandeen baadhiyaa dhaqqauuf jiru danqee jira.

Yooo xiqqaate uummata Tigraay keessaa miliyoona 5.7 keessaa kanneen miliyoona 5.2 ta’an gargaarsa midhaan nyaataa kan yeroo hatattamaa eeggataa jiran. Tokkummaan mootummootaa akka jedhetti hanga Caamsaa 3tti uummata dhibba irraa harka 12 jechuun uummata miliyoona 3 qofaa gargaarsi qubsuma yeroo hatattamaa fi meeshaalee kan nyaataa hin ta’in isaan dhaqqabe.

Gargaarsa namoomaa ugguruu akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun seera gargaarsa namoomaa kan sadarkaa addunyaa akkaan cabsuu akkasumas lubbuu uummata miliyoonaan laka’amuu balaaf saaxiluu dha. Beela ittisuuf gargaarsi guutuu ta’e dhiyaachuu qaba. kanneen yeroon gargaarsi dhaqqabu akka danqamu ittisan seeraan itti gaafatamuu qabu.