Harki Caalaan Aramaa Haroo Xaanaa Irra Ture Qulqulleeffamun Himame

(suraa faayilii)

Haroo xaanaa irrat biqilee kan turee aramaa Imboci jedhamee beekamu balleesuudhaaf tarkaanfii fudhatameen harka 85 baleesuun akka danda’ame odeefannoon wajjira eegumsaa fi misoomsa haroo xaanatiif lagootan biraa irraa bahe ibseera.

itti gafatamaan waajirchaa doktoor Ayaalewu kindee aramaa hafe balleesuudhaaf rakkinni baajataa akka isaan muudate himanii, ittu ganni as adeemaa jiruu hin qaqqabin hojiin aramaa balleesuu hin xumuramuu taanaan aramchii deebi’ee biqiluun isaa akka hin oole ibsanii gargaartotaaf waamicha godhaniiru.

Aramaa Imboci balleesuudhaaf birii miiliyoonii 300 barbachisa jedhamee kan karoorfatame yemmuu ta’u, amma ammaatti mootummaan feederaalaa birri miiliyoonii 40 keenuu isaa kan ibsaan doktoor Ayaleewun, mootumaan naannoo amaaraa akka gargaarsa qarshii hin goone ibsuun isaani caqasameera.