Mootummaan Itiyoopiyaa naannoo Tigraay keessatti tajaajila baankii, ibsaa fi bilbilaa itti gaafatama fudhatee bakkatti deebisuuf kan rakkatu ta’uu beeksise.
Your browser doesn’t support HTML5
Mootummaan Itiyoopiyaa TPLF Dabalatee Paartilee Mormituu Ka Sirnaa Marii Hirmaachise Geggeessuuf Karoorri Tolfamuu Beeksise
Har’a miinisteerri dhimmi alaa diplamaatota Finfinnee jiru waliin marii gegggeesseen dhiyeessii gargaarsaa fi tajaajilawwan kana fakkaatu ilaalchisee balaliieessumaa xayyaarawwan tokkummaa mootummootaa sakatta’inni godhamee, naannoon keessa balali’an kan eeyamamuuf ta’uu beeksisee jira.
Haa ta’umalee xayyaarawwankun naannoo Tigraay erga ga’anii booda rakkoon yoo isaan mudate mootummaan itti gaafatama akka hin fudhanneibsee, geejjiba lafootiifis mootummaan itti gaafatama akka hin fudhanne tuqee jira. Riqichi Tekezees cabuu isaa ministeerri dhimma alaa mirkaneessee jira.
Marii hawaasa dimplomaasummaa waliin geggeessame haasaan kan banan ministriin dhimmi alaa Demmeqee Mekonnin, rakkoo naannoo Tigraay furuuf mariin hunda hirmaachise akka geggeessamuuf karoorri tolfamuu dubbataniiru.