Hidhattoonni Mootummaa Godinaa Kamaashii Irra-jireessa Dhuunfatan,: Koomishiniin Poolisii  Naannoo

Kamaashii aanaa Yaasoo (Suuraa faayilii)

Komishiniin Poolisii Naannoo Benishaangul Gumuz, hidhattootni, Sosochii Bilisummaa Uummata Benishaangul (BEHNEN) jedhaman, Godina Kaamaashii gara caalu to'annoo jala galfachuu isaanii hordofee humni nageenyaa guyyaa har'aa dabalataan bobbaasamuu beeksisee jira.

Komishinarri itti-aanaan Komishinichaa Inspektar Misgaanaaw Injifataa Sagalee Ameerikaatti himanitti, sochiin hidhattoota kanaa hawaasa irratti rakkoowwan hedduu uummata irratti uumaa jiru, sababaa hanqina humnoota naga-eegumsaa mootummaatiin, seera kabajchiisuun hin danda'amne," jedhan.

Dhimma kanarratti, anga'oota mootummaa Federaalaa Itoophiyaarraa iee deebii argachuuf carraaqaa jirra. Caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Hidhattoonni Mootummaa Godinaa Kamaashii Irra-jireessa Dhuunfatan,: Koomishiniin Poolisii  Naannoo