Biiroon Qonnaa Oromiyaa Oomishi Midhaanii Bara Kanaa Fooyya’uu Dubbata  

Your browser doesn’t support HTML5

Biiroon Qonnaa Oromiyaa qonnaa gannaa kanaarraa midhaan kuntaala miiloyoona dhibba takkoo ol akka eegaa jiru dubbate.

Obbo Geetuu Gammachuu, itti-aanaa itti-gaafatamaan waajjirichaa, barana haalli qilleensaa mijataa fi roobni gahaan jiraachuu tu omisha naannochaa fooyyesse, jedhan.

Godinaalee addaa keessa ka jiraatanis qonnaanbultoonni naannoochaa oomisha walitti qabataa jiran.

Obbo Masfin Teshoomee itti-gaafatamaan waajjira qonnaa Godina Shawaa Bahaa, godinichatti haga yoonaa omishi midhaanii dhibbeentaa jaatamaa ol walitti qabameera jedhan.