Waggaa Kana Keessa Lakkoobsii Godaantoota Lubbuu Ofii Dhabanii Ibsamee Jira 

  • VOA

Bidiruun bishaan galaana biyya Inglizii keessatti torban kana nyaatamtee keessa imaltoota turan keessaa 30 kan caalaan du’uun seenaa godaansaa gaddisiisaa biyyatti ta’e jira.  (Suuraa faayilii)

Aangawoonni Tokkummaa Mootummootaa akka jedhanti, waggaa kana keessa galaana Meddtriaaniyaan keessatti bidruun godaantoota fe’an balaa mudateen namnii 1600 du’uu ykn eessa buuteen isaanii dhabamee jira.

Godaantoonni kun Biyyoota Awuroopaa dhaqqabuuf waggaa kana keessa imalaaf ka’an.Lakkoobsii namoota barana dhumanii isa bara dabree irraa dabalee kan jiru ta’uus waan addaati jedhamee kan ilaalamuu hin taane.

Jaarmayaan godaantoota addunyaa (IOM) akka tilmaameetti, bara 2014 keessa namoonni kuma 23 harka namoota seeraan ala nama deddebisan kan dhuman yoo ta’u, waggaa lama booda jechuun bara 2016 keessa lakoobsii kun kuma shaniin dabale.

Waggaa 7 keessatti kanneen glaana Inglizii keessatti du’an garu 166 ta’u ibsamee jira.