Loltoonni Ugaandaa Ripaablikii Dimoktaatawaa Koongootti Bobbaafaman

Faayilii - [poolisoota Ugaandaa namoota Ripaablikii Dimoktaatawaa Koongoo irraa garas godaanan haasofsiisaa jiran, Sadaasa 10. 2021

Loltoonni Ugaandaa gara ripaablikii dimokraatawaa Koongoo gama bahaatti roobii kaleessa duuluu isaanii kan ibsan kanneen ijaan argan, Kinshaasaa waliin ta’uu dhaan garee riphee lolaa ADF jedhamu irratti duulli eegalee guyyaa lammaffaa isaatti ture jehan.

Kiivuu gama kaabaa keessatti kan argamu gaazixeessaa Toonii Kitaambalaa, daangaa irratti kan argamu Nobiilii irraa akka ibsetti humnootii nagaa eegsisn kan naannoon tumsamanii konkolaataa waraanaatiin gamas seenan jedhee jira.

Loltoonni Ugaandaa iillee kibxata darbe erga humnoonni isaanii samii irraan haleellaa raawwatanii booda gara DRCtti utuu qaxxaamuranii argamaniiru.

Gareen riphee lolaa wal taatota humnoota dimoktaatawaa ykn ADF jedhamu kun ripablikii dimoktaatawaa koongoo gama bahaa keessatti fixiinsa raawwatamee fi magaalaa galma mootummaa Ugaandaa irratti haleellaa raawwatameef himatama. Gareen IS immoo hidhata isaa ta’uu dubbata.

Sambata darbe, DRCn karaa gorsaa prezidaantummaa ishee akka ibsitetti, bara 1990mootaa qabee gareen kun, bakka inni jirutti akka hordoftuuf gaaffii Ugaandaan dhiyeessite raggaasistee jirti. Hojjetaan gargaarsaa kan Nobil keessaa akka jedhetti haleellaan garee ADF irratti geggeessamu halkan kaleessaa itti fufee bule, garuu haalli isaa roobii kaleessaa tasagabba’eera jedhe.

Kibxata darbe dubbi himaan humnootii Ugaandaa akka jedhanitti, haleellaan samii irraa sun milkaa’inaan manni isaa rukutee jira, duulli lafoon immoo shororkeessota ni adamsa jedhan.