Taphattoonni kubbaa miilaa Itiyoophiyaa garaa kaameeruun deemaniiru

Tapha kubbaa miilaa Afrikaa isaa marsaa 33ffaa Kaameeruun keessatti taasifamuu irratti kan hirmaatuu taphattoonni Itiyoophiyaa gara biyya kaameerunitti imalanii magaalaa gudditti biyyatti Yaawundee gahaniiru. Gareen Itiyoophiyaa taphattootaa fi leenjistootaa, akkasumas warren gargaarsaa adda addaa taasisan dabalatee nama 28 of keessaa kan qabuu’dha.