Reeffii Arkbishoop Dezmoond Tuttuu Har’a KaatKeedraala Kessa Ka’amee Jira 

PEOPLE-DESMOND TUTU/

Ka dhiyeenya kan du’an boqootan Arkbishoop Desmond Tuttuuf kabajaa kennuuf jecha, magaala Keeptaawoon keessatti sirniii bakka buutoota amantii adda addaa hirmaachisee kaleessa gagggeeffamee jira.

Sirna galma bulchiinsa magaalaa keeptaaawoon keessatti gaggeeffame kana irratti, maatiinDeezmoond Tuttuu hogganoonno amantii, Kristaanaa, Budahaa, Jushoota, kan Musleemootaa fi kan aadaan baratamee kan Afrikaa argamanii jiru.

Kanneen irratti argaman kun irra jireessi halluu uffata Tuttuun jaallatanii uffatanii turan. Ummanni biyyatti warri jalqabaas gogaa uffachuun qabee mataa beeleedaa ol kaasaa kabajaa qabaniif ibsaa turan.

Sirnii walleelee dhiyeessuus, wallee bara 1980 Afrikaa Kibbaa keessatti beekamuu fi qabsoo farra Apaartaayid keessatti faaruu uummataa akka ta’eetti ilaalamuu fi beekamaa tureetu dhiyaate.

Arkbiishoop Desmond Tuttuun umrii isaanii 90tti dhuma torbee du’an boqochuun isaanii ni yaadatama.Saanduuqii reeffa isaanii baate Kamiisa har’a kaateedraala seent Joorj kan keeptaawoon keessa ka’amee jira.Hanga gaafa Sambataa awwaalamuttis achuuma tura.