Balaan Abiddaa Amerikaa Keessatti Miidhaa Geesisee

Kutaa Yunaaytid Istees kan ta’e Kolooraaadoo handaara magaala Danvariitti balaa ibiddaa dagalaa dhaqqabeen manneen 580 ta’an waaltaalee daldalaaa fi hoteeloota barbadeessee jira. Kunis balaan ibiddaa kun kamiisa kaleessaa galgalaa fi Jimaata itti fufee yeroo jiruutti.

Angawoonni magaala jiraattoota kuma 21 qabdu Luuyisviil akka gadhisanii ba’aniif ajaja kan kennana yoo ta’u, kunis namoota magaala Supiriyar jedhamu keessa jiraatan kuma 13 eega baasanii booda.Mgaalaaleen ollaa jiran kanneen biroon, Danvar irraa gara Kaaba dhiyaatti fageenya kiloo meetra 32 ta’u irratti argamu.

Polisiin konyaa Boowdar Joo Pelle yoo xiqqaate namnii tokko du’u kan gabaasan yoo ta’u, hojii baraarsaaf kanneen jalqaba bobba’an keessaa tokkoo fi kanneen biroon 6 mada’anii jiru.

Lakkobsii namoota mada’anii fi du’anii dabaluu akka maluu , kunis ibiddii jabaatee qilleensii hamaan jiru sa’atii tokkotti kilo meetra 170 fiigaa jira jedhan.

Abiddi kun kan daran hammaatee Magaala Danvarii fi Boowdar gidduu yoo ta’u yoo ta’u, iddoo sana immo Yinivarsitii Kolooraadootu argama jedhamee jira.