Waraansi Yemen Keessaa Tibbana Hammachuu tu Himama 

Magaalaa Yemen tarsiimoftuu – Mariib keessatti har’a walitti-bu’insa haaraa uumameen loltoonni gara dhibba lamaa du’uu isaanii, maddeen waraanaa fi kan eegumsa fayyaa har’a beeksisanii jiran.

Wal-waraansi waggoota toorbaaf biyyattii keessatti geggeessame hammaataa deemuun illee dhaga’amaa jira.

Maddeen eegumsa fayyaa Ajaansi Firaansi Pireesiif akka himanitti, humnoota gamtaa Saawudiin hoogganamuu fi humnoota deggertoota mootummaa gidduutti, waraansa kutaalee Maaribiin wal-daangessan Shabwaa fi Al-Baayidaa keessatti geggessameen riphxee-loltoonni Hutii 125 ol haleellaa humna qilleensaatiin ajjeesaman.

Murni waraanaa deggertoota mootummaa guddaan Saawudii fi imeretoota Arabaatiin deggeramus lola kana keessatti loltoota isaa toorbaatamaa ol dhabuu – maddeen mootummaa dubbatanii jiran. Sa’atiilee 24 dabran keessatti ture waraansichi ka geggeessame.

Gamtaan humnoota deggertoota mootummaa Saawudiin hoogganamu gara waggoota toorbaaf, riphxee-loltoota Hutii ka waraanaa ture yoo tahu, akka Tokkummaan Mootummootaa jedhutti, uummata miliyoona hedduu manaa fi qehee irraa buqqisee, addunyaa irratti rakoo namoomaa isa hamaa uummee jira.