Miseensonni Hooggansa KFO Mana Hidhaa Turan Akka Hiikaman Murtaa’uu Mootummaan Beeksise  

Miseensota hooggansa paartii Koongirasii federaalistii Oromoo Jawaar Mohammad fi Baqqalaa Garbaa (suuraa faayilii)

Miseensota hooggansa paartii Koongirasii federaalistii Oromoo obbo Jawaar Mohammad ,Baqqalaa Garbaa, Dajanee Xaafaa fi kanneen galmee obboo Jawaar Mohammad jalatti waamaman kanneen biroo akka bahan murtaa'eera, jedhe ibsi galgala kana Tajaajila Toomunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa Bahe. Miseensa hooggansa KFO keessaa ammatti obbo Dajanee Xaafaa bahuunis mirkanaa'ee jira. Gaazeexeessaa Mallasee Dirribsaa fi Shamsaddiin Xaahaas bahanii jiru. Haata'u malee Obbo Jawaar Mohammad, Obboo Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Booranaa fi kanneen biroon akka hiikaman murtaa'uun ibsa sana keessatti himamus akka maddaan adda addaa jedhanitti hanga yoonaa garuu mana hidhaa irraa hin baane. Gama biraatin dura taa'aan paartii Baalderaas obbo Iskiindir Naggaa fi hooggansi paartichaa hidhaa irra turan har'a galgala hiikamuu isaanii duubi-himaan paartichaa obbo Baqaaluu Axinaafuu Raadiyoo sagalee Ameerikaatiif ibsaniiru. Dhiyeenya kana kan to'ataman Obbo Sibaat Naggaa fi namoonni 6 galmee isaanirratti himatamaan akka mana hidhaatii bahaniif murtaa'era, jechuun Tajaajilli Koomunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa galgala kana ibsa baaseen ifoomse jira.