Ekowaas Maalii Irra Ugguura Kaa’e? 

ECOWAS

Hogganoonni biyyoota kutaa Afrikaa Dhiyaa (ECOWAS) Maalii irra ugguura haaraa ka’anii jiru. Kunis gargaarsa gama daldalaa fi maallaqaa kan biyyattiif kennamu dhaabe.

Hoganoonnii waraanaa Maalii bulchaa jiranii akka jedhanti, baatii dhufu filannoo gaggeessuuf waadaa seenanaii turan sana dhisanii waggoota dhufan 4f aangoo irra akka turan beeksiisan.

Uggurri kun Maalii irratti dhiibbaa guddaa kan qabaatu yoo ta’u, ammaa kaasee biyyoota miseensoota Ekowaas ta’an waliin daangaan karaa lafaa fi qilleensa irraan qaban cufamuu dabalata jedhameera.

Akraa Gaanaa keessatti mariin guyyaa guutuu eega gaggeeffamee booda, ibsii kun Dilbata kaleessaa barreeffamaan ba’u, kan ibsamee yoo ta’u, kunis haallii maalii keessaaa kutaa Afrikaa Dhiyaafis yaaddeessaa ta’u isaa irraa murteeffame jedhamee jira.