Yunaayitid Isteetis Lammiiwwan Ishee Yukireen Keessaa Akka Ba’an Gaafatte

  • VOA

Imbaasii Yunaaytid Isteets, Yukireen

White House torbanuma lakkoobsa hojjettoota embasii kanneen Yukireen keessaa hiri’ise, leenjistoonni wraanaa gamasii akka ba’an ajajeejira. Yoo xiqqaate loltoonni Raashiyaa 100,000 ta’an Ykireeniin kan marsan yoo ta’u, Washington akka jedhetti weerarri guyyaa isa kamiinuu ta’uu mala jedha gabaasi Araash Arbasaadi.

Humnoonni Raashiyaa fi Beelaarus shaakala waraanaa Beelaarus keessaatti geggeessamu irratti ni hirmaatu. Raashiyaan kaayyoo Yukireeniin weeraruu akka hin qabaanne dubbatti, garuu ta’uu baannaan angwoonni gameeyyiin Yunaayitid Isteetis ni akeekkachiisu.

Gorsaan naga eegumsa biyyoolessaa Jeek Sulivaan akka jedhanitti, akkaataa isaan itti humnoota isaanii ijaaranii fi akkaataa isaan haalawwan itti karoorsan yeroo dhiyootti tarkaanfiin waraanaa jiraachuu akka malu agarsiisa. Kanaaf gama dimplomaasiin hojjechuu itti fufuuf qophppfnee jirra. Garuu immoo yoo Raashiyaan itti fufti taate michoota keenya waliin mala qindaa’ee fi murteessaa dhaan deebii kennuufis qophoofnee jirra.

Your browser doesn’t support HTML5

Yunaayitid Isteetis Lammiiwwan Ishee Yukireen Keessaa Akka Ba’an Gaafatte